Abiy Ahmed Ali 🇪🇹
✔
157K subscribers
7.87K photos
365 videos
70 links
ነጻነት ለህዝባችን - ብልጽግና ለአገራችን!

Bilisummaan uummata keenyaaf - badhaadhinni biyya keenyaaf!

Freedom to our People – Prosperity to our Nation!
Download Telegram
አፍሪካ ከፍተኛውን የስንዴ መጠን ለማምረት ከሚችሉ ሀገራት መካከል ኢትዮጵያ አንዷ ናት። ነገር ግን ስንዴን አሁንም ከውጭ ታስገባለች። አሁን ግን ከውጪ በማስገባት ፈንታ በመስኖ ልማት አማካኝነት ምርታማነትን ለመጨመር አቅደናል። በቤኒሻንጉል ጉሙዝ እና በጋምቤላ በቅርቡ የታዩት ውጤቶች ተስፋ የሚጣልባቸው ናቸው። በሶማሌ ክልል የቆላ ስንዴ ምርትም እንዲሁ የሚያበረታታ ነው። ለዓመታዊው የ #አረንጓዴ ዐሻራ የሚሆን ችግኝ በሦስቱም ክልሎች በሚገባ እየተዘጋጀ መሆኑን ተገንዝቤያለሁ።

Itoophiyaan biyyoota Afrikaa qamadii baay'inaan hoomishan keessa tokko taatus, kaayyoon keenya isa alaa galchinu bakka buusuuf jallisiidhaan hoomishtummaa dabaluuf tattaafachuudha. Gama kanaan sochiin dhiyeenya naannolee Beenishaangul Gumuzii fi Gaambeellaatti taasifamaa jiru kan abdii namatti horudha. Naannoo Somaaleettis qamadii gammoojjiitti hoomishuun eegalame akkasuma abdachiisaadha. Wayita #AshaaraaMagariisa f biqiltuu dhaabuuf qophaa'aa jirru kanatti naannolee sadanittuu sochiin biqiltuu qopheessuu taasifamaa jiru na gammachiiseera.

While #Ethiopia is one of the largest wheat producers in #Africa, our aim is to further enhance productivity through irrigation schemes as part of import substitution endeavours. Recent activities in Beninshangul-Gumuz and Gambella are promising. As is implementation of lowland wheat production in Somali region. I am also pleased to learn the progress in seedlings production in nurseries throughout the three regions as we prepare for the annual #GreenLegacy planting season.
ባለፈው ዓመት የ #አረንጓዴ ዐሻራ የችግኝ ተከላ ወቅት የሕዝቡ ምላሽ ከሚጠበቀው በላይ አዎንታዊ እና አስደናቂ ነበር፡፡ 4 ቢሊየን ችግኞችን ለመትከል አቅደን ፈጽመነዋል፡፡ በዚህ ዓመት ደግሞ 5 ቢሊየን ችግኞችን ለመትከል ዕቅድ ይዘናል፡፡ ትልቅ ሕልም እናልማለን፤ የላቀ ግብ እናሳካለን፡፡ የጀመርነውን እስከ ፍጻሜ እናደርሳለንልቀት፡፡ ሁላችን እንነሣለን፤ ኢትዮጵያንም አረንጓዴ እናለብሳለን። እንደሚሳካልንም እምነቴ ነው፡፡

Bara darbe yeroo biqiltuu dhaabbii #AshaaraaMagariisa deebiin uummataa kan eegamee olitti gaariifi dinqisiisaa ture. Biqiltuuwwan biliyoona 4 dhaabuuf karoorfannee raawwanneerra. Bara kanammoo biqiltuuwwan biliyoona 5 dhaabuuf karoorfanneerra. Guddifnee abjoonnee galma olaanaaf yaaduun murteessaadha. Galma olaanaa kan fidummoo itti fufiinsa qabaachuudha. Aadaa magariisummaa wayita gabbifannu kanatti namni hundi dammaqinaan fedhii keessaa maddeen akka hirmaatu hawwii kooti.

//
* በአካል ተራርቀን፤ ንጽሕና ጠብቀን፣ እርስ በርስ ተረዳድተን- ኢትዮጵያን ከኮሮና እንታደግ *

Qaamaan gargar fagaannee, qulqullina eegnee, waliikeenya walgargaarree, Itoophiyaa Koroonaa irraa haa baraarru!
ዓርብ ግንቦት 28፣ 2012 ዓመታዊውን የ#አረንጓዴ ዐሻራ ችግኝ ተከላ በይፋ እንጀምራለን። ባለፈው ዓመት እያንዳንዳችን ሀገራዊ ጥሪውን ተቀብለን፣ ያቀድነውን አሳክተናል። ከ#ኮቪድ 19 ወረርሽኝ ጋር እየተፋለምን ቢሆን፣ 5 ቢሊየን ችግኞችን የመትከል ዕቅዳችንን እናሳካዋለን። እያንዳንዱ ቤተሰብ አካላዊ ርቀትን እንደ ጠበቀ ዐሻራውን ማሳረፍ የሚችልበትን መንገድ እናመቻች።

Jimaata, Caamsaa 28/2012 dhaabbii biqiltuu waggaa #AshaaraaMagariisa ifatti jalqabna. Bara darbe tokkoon tokkoo keenya waamicha biyyaalessaa kana fudhannee kan karoorfanne fiixaan baafneerra. Weerara #COVID-19 waliin wal'aansoo walqabaas ta'u, karoora keenya biqiltuuwwan biliyoona 5 dhaabuu galmaan ni geenya. Maatiin mata mataatti gargar fageenya qaamaa eegaa haala itti ashaaraa isaa kaa'uu danda'u ni mijeessina.

* በአካል ተራርቀን፤ ንጽሕና ጠብቀን፣ እርስ በርስ ተረዳድተን- ኢትዮጵያን ከኮሮና እንታደግ *

* Qaamaan gargar fagaannee, qulqullina eegnee, waliikeenya walgargaarree, Itoophiyaa Koroonaa irraa haa baraarru! *
. .:
በኢትዮጵያ የመጀመሪያው በኮቪድ19 የተያዘ ሰው ከመገኘቱ አስቀድመን፣ የመከላከል ሂደቱን በበላይነት የሚመራ የሚኒስቴሮች ኮሚቴን አቋቁመናል፡፡ ከዚያም ቀጥሎ፣ ልዩ ልዩ ንዑሳን ኮሚቴዎች ተዋቅረው፣ ቫይረሱን የመከላከል እና ሥርጭቱን የመግታት ሥራ በበቂ ዝግጁነት እንዲከናወን እና ተመጣጣኝ መፍትሔዎችን ለመስጠት እንዲቻል ሲሠሩ ቆይተዋል፡፡ እነዚህ ንዑሳን ኮሚቴዎች ለይቶ መከታተያ፣ ለይቶ ማቆያ እና ለይቶ ማከሚያ ማዕከላትን በሀገር ደረጃ በማቋቋም፣ በግለሰብ ደረጃ ቫይረሱን ለመከላከል እንዲቻል ከሚረዱ ግብአቶች አንሥቶ ልዩ ልዩ የሕክምና መገልገያዎችን በመግዛት እና ድጋፍ በማፈላለግ፣ ከሀገር ውስጥ እንዲሁም ከሀገር ውጪ ከሚኖሩ ኢትዮጵያውያን ድጋፍ በማሰባሰብ ግብአቶች የሚቀርቡበትን ሁኔታ በማመቻቸት፣ እጅግ አስከፊ ሁኔታ ቢከሠት ተጋላጭ የሆኑ የማኅበረሰብ ክፍሎች የሚጠቀሙበትን ምግብ በማከማቸት እንዲሁም፣ የማክሮ ኢኮኖሚያዊ ደንቦችን በማውጣት እስካሁን ሥራቸውን ከውነዋል፡፡ በቫይረሱ የተያዙ ሰዎች ቁጥር በእጅጉ ቢጨምር፣ ሕዝቡ ተገቢው ዝግጅት ሊኖረው እንዲችል ልዩ ልዩ ርምጃዎች ሲወሰዱ ቆይተዋል፡፡ የቫይረሱ ሥርጭት ከዕለት ወደ ዕለት ቁጥሩ ጨምሮ በኅብረተሰቡ መካከል መዛመት መጀመሩ የሚስተዋል ነው፡፡

መንግሥት ባለፉት ሦስት ወራት ቫይረሱን ለመግታት እና ሥርጭቱን ለመከላከል ርብርብ ሲያደርግ መቆየቱ ይታወቃል፡፡ ሆኖም፣ እያንዳንዱ ግለሰብ የቫይረሱን ሥርጭት ለመከላከል የሚጫወተው ሚና ከፍተኛ እንደ ሆነ ሊስተዋል ይገባል፡፡ የዚህ ዓመት የ #አረንጓዴ ዐሻራ ችግኝ ተከላ ከመጀመሩ ጋር ተያይዞ ትኩረት ሊሰጠው የሚገባ ጉዳይ አለ፡፡ የችግኝ ተከላ መርሐ ግብሩ መጀመሩ፣ መንግሥት በምንም ዓይነት ዜጎች የጥንቃቄ ርምጃዎችን ቸል እንዲሉ እንደ ፈቀደ ወይም አቋሙን እንዳላላ ተደርጎ ሊታሰብ አይገባም፡፡ የመከላከል ርምጃዎችን በጥብቅ መፈጸም አሁንም እጅግ አስፈላጊ ነው፡፡ የተቀመጡልንን ቫይረሱን የመከላከል ርምጃዎች ተግባራዊ እያደረግን፣ ምርታማነታችንን መቀጠል እና ግባችንን ማሳካት አለብን፡፡ አረንጓዴ ዐሻራ የአንድ ቀን ሥራ አይደለም፡፡ መላውን ክረምት የሚከናወን ሂደት ነው፡፡ ተግባራዊነቱም በግለሰብ እና በቤተሰብ ደረጃ የሚፈጸም ነው፡፡ ስለዚህ፣ በቤተሰብ ደረጃ ርቀታችንን እየጠበቅን የምናደርገው ችግኝ ተከላ፣ ኮቪድ19ን ከመከላከል ርምጃ ጋር አብሮ የሚከወን ነው፡፡ ደግሞም፣ የፈጠራ ሥራን ለሚሠሩ እና ጠቃሚ ሐሳቦችን ለሚያመነጩ ሰዎች እንደ ዕድል ተደርጎ ሊወሰድ ያስፈልጋል፡፡ ሁኔታው የኮቪድ19 መከላከል ርምጃዎችን እየተገበርን እንዴት እና በምን መንገድ 5 ቢሊየን ችግኞችን የመትከል ዕቅዳችንን እንደምናሳካ በርካታ ሐሳቦችን እንዲያፈልቁ የሚጋብዝ ነው፡፡

Itoophiyaatti utuu namni inni jalqaba #COVID-19 qabame hinargamiin dursinee, Koree Ministirootaa addeemsa ittisuu isaa gaggeessu hundeessineerra. Itti aansuudhaanis koreewwan xixiqqaa adda addaa ijaaramanii, hojiin vaayrasicha ittisuufi tamsa'inasaa qolachuu qophaa'ummaa gahaa ta'een akka raawwatamuufi furmaatawwan walsimaa kennuun akka danda'amu hojjechaa turaniiru. Koreewwan xixiqqaan kunneenis giddugaleeyyi itti addatti baasanii hordofan, tursaniifi wal'aanan sadarkaa biyyaatti hundeessuudhaan, galteewwan sadarkaa dhuunfaatti vaayrasicha ittisuudhaaf gaargaaranirraa jalqabee meeshaalee tajaajila wal'aansaa adda addaa bituufi dhiyessiinsaanii akka jiraatu deeggarsa barbaadaa turaniiru. Kana malees Itoophiyaanota biyya keessaafi biyya alaa jiranirraa deeggarsa qindeessuudhaan haala itti galteewwan dhiyaatan mijeessuudhaan, haalli baay'ee badaa ta'e yoo mudate, dhiyeessii min'aanii kutaaleen hawaasaa baay'ee saaxilamaa ta'an itti fayyadaman kuusuudhaan akkasumas dambiiwwan dinagdee maakroo baasuudhaan hamma yoonaatti hojiisaanii raawwataniiru. Lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii yoo baay'ee dabale, uummanni qophii barbaachisaa gahaa ta'e akka qabaatu tarkaanfiiwwan adda adda fudhatamaa turaniiru. Wayita ammaa tamsa'inni vaayrasichaa guyyuma guyyaan dabalaa dhufee hawaasa keessatti babal'achuu jalqabuunsaa kan mul'atudha.

Ji'oottan sadan darbanitti mootummaan vaayrasicha dhaabuufi tamsa'inasaa itisuuf tumsaa turuunsaa kan beekamudha. Haa ta'u malee namni hundi akka dhuunfaatti vaayrasicha ittisuuf shoora olaanaa akka qabu hubachuu barbaachisa. Dhaabbiin biqiltuu #AshaaraaMagariisa bara kanaa eegalamuusaan walqabatee wanti xiyyeeffannoon kennamuufii qabu jira. Sagantaan dhaabbii biqiltuu jalqabamuusaatiin akka waan mootummaan lammiileen tarkaanfii of eeggannoo dagachuu qabaniitti waan heeyyame, yookaan hejjennoosaa akka waan laaffiseetti yaadamuu hiqabu. Tarkaanfiiwwan ittisaa cimsanii raawwachuun ammas barbaachisaadha. Tarkaanfiiwwan vaayrasicha ittisuudhaaf kaa'aman hojiirra oolchaa, hoomishtummaa keenya itti fufuufi galma keenya fiixaan baasuu qabna. #AshaaraaMagariisni hojii guyyaa tokkoo miti. Hojii ganna kana guutuu raawwatamaa deemudha. Hojiirra kan oolfamus sadarkaa maatiifi dhuunfaatiinidha. Kanaafuu hojiin dhaabbii biqiltuu gargar fageenya qaamaa eegnee sadarkaa maatiitti goonu, tarkaanfiiwwan #COVID-19 ittisuu hir'isuu hinqabu. Dabalataanis namoota hojii kalaqaa hojjetaniifi yaadota fayyadan burqisiisaniif carraa ta'ee fudhatamuu qaba.....

https://www.facebook.com/PMAbiyAhmedAli/
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
የማክሮ ኢኮኖሚ ኮሚቴውን ስብሰባ ከመጀመራችን አስቀድመን የ #አረንጓዴ ዐሻራ ችግኞችን ተክለናል። የተፈጥሮ ሕግ ዛሬ የዘራነውን፣ ነገ ያሳጭደናል። ነገን ዛሬ እንትከል።

Walgayii Koree Dinagdee Maakroo utuu hinjalqabiin dura biqiltuuwwan #AshaaraaMagariisa dhaabneerra. Seerri uumama kan har'a facaafne bor akka haamnu nubarsiisa. Borii keenya har'a haadhaabnu.

//
በአካል ተራርቀን፤ ንጽሕና ጠብቀን፣ እርስ በርስ ተረዳድተን- ኢትዮጵያን ከኮሮና እንታደግ
Qaamaan gargar fagaannee, qulqullina eegnee, waliikeenya walgargaarree, Itoophiyaa Koroonaa irraa haa baraarru!
ዛሬ ጠዋት ከኦሮሚያ፣ ከአማራ እና ከሶማሌ ክልል ርዕሰ መስተዳድሮች ጋር በመሆን በኦሮሚያ ክልል ለሁለተኛ ጊዜ በበጎ ፈቃደኞች የሚካሄድ የክረምት የዜግነት አገልግሎት በይፋ ተጀምሯል፡፡ ለወሊሶ ሊበን ትምህርት ቤት በሕዝብ ተሳትፎ የሚገነባን ሕንጻም እንዲሁ አስጀምሬያለሁ፡፡ በከተማዋ የሚካሄድ የአቅመ ደካሞችን ቤት የመገንባት ሥራ ላይም ለመሳተፍ ዕድል አግኝቻለሁ፡፡ ከርዕሰ መስተዳድሮች ጋር ችግኝ በመትከል #አረንጓዴ ዐሻራችንን አሳርፈናል፡፡

ያደጉ ሀገራት አሁን ያሉበት የዕድገት እና የብልጽግና ደረጃ ላይ የደረሱት በልፋት እና በድካም ነው፡፡ እኛም ጠንክረን መሥራት ይጠበቅብናል፡፡ በጎ ፈቃደኝነት ሌሎችን ብቻ ሳይሆን ራሳችንንም ይጠቅማል፡፡ ከከተማ እስከ ክልል፣ ከክልል እስከ ሀገር በርትተን እየሠራን ኢትዮጵያችንን ለሁሉ ምቹ እናደርጋታለን!

Har'a ganama pirezdaantota naannolee Oromiyaa, Amaaraafi Somaalee waliin taanee tajaajilli lammummaa gannaa tola ooltotaan gaggeeffamu yeroo lammaffaaf Naannoo Oromiyaatti ifaan jalqabsiifneerra. Mana Barumsaa Walisoo Liibaniif gamoo hirmaannaa uummataatiin ijaaramus eegalchiiseera. Magaalattiitti hojii mana namoota humnisaanii dadhabaa ta'ee ijaaruu irrattis carraa hirmaachuu argadheera. Pirezdaantota kanneen waliinis biqiltuu dhaabuudhaan #AshaaraaMagariisa keenya keewwanneerra.....

https://www.facebook.com/PMAbiyAhmedAli/
ዛፎችን መትከል ነገን መኖር ነው። የነገዋ ኢትዮጵያ ልማት በደኖች መካከል ካልተተከለ ነፍስ አልባ ሥልጣኔ ይሆናል። ነገን ለመኖር ዛሬ ችግኞችን በመትከል ዘላቂ ዐሻራችንን በአብሮነት አሳርፈናል። የሪፐብሊካን ጋርድ አባላት ሀገራቸውን በጽናት ስለማገልገላቸው አመሰግናቸዋለሁ። #አረንጓዴ ዐሻራ

Mukoota dhaabuun bor jiraachuudha. Misoomni Itoophiyaa borii bosona giduu yoo dhaabachuu baate qaroomina lubbuu hinqabne ta'a. Bor jiraachuudhaaf har'a biqiltuuwwan dhaabuudhaan ashaaraa keenya fulla'aa waliin keewwanneerra. Miseensonni Gaardii Ripabiliikaanii biyyasaanii kutannoodhaan tajaajiluusaaniif nan galateeffadha. #AshaaraaMagariisa

//
በአካል ተራርቀን፤ ንጽሕና ጠብቀን፣ እርስ በርስ ተረዳድተን- ኢትዮጵያን ከኮሮና እንታደግ
Qaamaan gargar fagaannee, qulqullina eegnee, waliikeenya walgargaarree, Itoophiyaa Koroonaa irraa haa baraarru!
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
የሪፐብሊካን ጋርድ አባላት ሀገራቸውን በጽናት ስለማገልገላቸው አመሰግናቸዋለሁ። #አረንጓዴ ዐሻራ

Miseensonni Gaardii Ripabiliikaanii biyyasaanii kutannoodhaan tajaajiluusaaniif nan galateeffadha. #AshaaraaMagariisa
የደን ምንጣሮ እና የአየር ንብረት ለውጥ ከሌሎች መንስኤዎች ጋር ተዳምረው በየዓመቱ በኢትዮጵያ የለም አፈር መሸርሸርን ያስከትላሉ፣ ጫካዎችን እና ለምለም ሜዳዎችን ያመናምናሉ። #የአረንጓዴዐሻራ አንዱ ግብ ይህንን እጦት መቀልበስ ነው። ዓለም አቀፉ ማኅበረሰብ በረሃማነትን እና ድርቅን ለመቀነስ የሚደረጉ ጥረቶችን በሚያከብርበት በዚህ ዕለት፣ ሁላችንም በኢትዮጵያ የአረንጓዴ ዐሻራ እንቅስቃሴ እንድንሳተፍ ጥሪዬን አቀርባለሁ።

Bosonni golgolaa'uufi jijjiiramni haala qilleensaa wantoota Itoophiyaatti wagga waggaadhaan dhiqama biyyee gabbataa, badii bosonaafi lafa magariisaaf gumaachan keessatti argamu. Yaadni #AshaaraaMagariisaa keenya badii kana hambisuuf carraaqa. Wayita hawaasni addunyaa Guyyaa Addunyaan itti Gammoojjummaafi Caamsaa Qolachuu kabajutti #AshaaraaMagariisa Itoophiyaatti akka makamtan hundumaafan waamicha dhiyeessa.

//
በአካል ተራርቀን፤ ንጽሕና ጠብቀን፣ እርስ በርስ ተረዳድተን- ኢትዮጵያን ከኮሮና እንታደግ
Qaamaan gargar fagaannee, qulqullina eegnee, waliikeenya walgargaarree, Itoophiyaa Koroonaa irraa haa baraarru!
#አረንጓዴዐሻራ በአዳማ

#AshaaraaMagariisa Adaamaa

//
በአካል ተራርቀን፤ ንጽሕና ጠብቀን፣ እርስ በርስ ተረዳድተን- ኢትዮጵያን ከኮሮና እንታደግ
Qaamaan gargar fagaannee, qulqullina eegnee, waliikeenya walgargaarree, Itoophiyaa Koroonaa irraa haa baraarru!
የሰው ልጅ መንፈስ ብርቱ ነው፣ ከዳርቻ በላይ መጓዝ ነው ትጋቱ። ተፈጥሯዊም ሆነ ሌሎች ገደቦች እንዲያስቆሙት አይፈቅድም። ሁላችንም እንደነዚህ የሰበታ ወጣቶች ልንሆን ያስፈልገናል። የማያስችል ሚመስለውን ነገር ተሻግረው #አረንጓዴዐሻራቸውን በማሳረፍ ላይ ናቸው።

Dhalli namaa maaliifuu hinsarmu. Daangaa uumamaas ta'e kanbiroo darbee deemuu danda'a. Mee hundi keenya akka dargaggoota Sabbataa kana, wantoota daangaadha jedhamanii yaadamaniif utuu hinsarmiin #AshaaraaMagariisa isaanii keewwatanii haacarraqnu.

//
* በአካል ተራርቀን፤ ንጽሕና ጠብቀን፣ እርስ በርስ ተረዳድተን- ኢትዮጵያን ከኮሮና እንታደግ *
* Qaamaan gargar fagaannee, qulqullina eegnee, waliikeenya walgargaarree, Itoophiyaa Koroonaa irraa haa baraarru! *
የ #አረንጓዴዐሻራ ቪዲዮዎቻችሁን በማኅበራዊ ሚዲያ ማጋራት ጀምራችኋል? ጽሕፈት ቤታችን ኅብረተሰቡ በዚህ ዓመት አረንጓዴ ዐሻራውን እንዲያሳርፍ የሚያነሳሱ፣ በመተባበር የተሠሩና ፈጠራ የታከለባቸው ቪዲዮዎችን እያሰባሰበ ነው። አጫጭር ቪዲዮዎቻችሁን #የጠሚአረንጓዴዐሻራጥሪ ከሚል መለያ ጋር በማኅበራዊ ሚዲያ አጋሩ።

Vidiyoo #AshaaraaMagariisa keessan midiyaa hawaasummaarratti qooduu jalqabdaniittuu? Waajjirri keenya vidiyoowwan akka hawaasni ashaaraasaa magariisa keewwatu kakaasanfi kalaqarratti hundaa'anii walta'insaan hojjetaman walittiqabaa jira. Vidiyoo keessan gaggabaaboo #WaamichaAshaaraaMagariisaaMM jechuudhaan qoodaa.

Are you sharing your #GreenLegacy challenge videos yet? My team is scouting collaborative creative videos that inspire and motivate communities to plant their print this year. Mark your short videos #PMGreenLegacyChallenge and share on social media. The surprise still stands!

//
* በአካል ተራርቀን፤ ንጽሕና ጠብቀን፣ እርስ በርስ ተረዳድተን- ኢትዮጵያን ከኮሮና እንታደግ *
* Qaamaan gargar fagaannee, qulqullina eegnee, waliikeenya walgargaarree, Itoophiyaa Koroonaa irraa haa baraarru! *
በአራት ዓመታት ውስጥ 20 ቢሊየን ችግኞችን ለመትከል አቅደን ባለፉት 2 ዓመታት ባደረግነው የጋራ ጥረት ግማሹን አሳክተነዋል። በ2013 በምናካሂደው #አረንጓዴዐሻራ ደግሞ ቀጣናችንን ለማካተት አቅደናል። ከሌፍተናንት ጄነራል አልቡርሃን ጋር በመሆን፣ በቢሾፍቱ የሚገኘውን ጆይቴክ የችግኝ ማፍያ እና የአትክልት ማምረቻ ጎብኝተናል።

Waggoota afur keessatti biqiltuuwwan biliyoona 20 dhaabuuf karoorfannee carraaqqii waggoottan lamaan darbanitti waliin gooneen walakkaasaa galmaan geenyeerra. #AshaaraaMagariisa bara 2013 tti ammoo biyyoota ollaa naannichaa dabalachuuf karoorsineerra. Lt. Jeneraal Al-Burhaan waliin bakka qophii biqiltuufi hoomisha kuduraa, Joyteek, daawwanneerra.

Our ambition of planting 20billion seedlings in four years is halfway complete with the collective efforts made over the past two years. In 2021’s #GreenLegacy we aim to go regional. Together with Lt. Gen. Al-Burhan we visited Joytech Seedlings Nursery based in Bishoftu to see their nursery and their export standard vegetable produce.