Abiy Ahmed Ali 🇪🇹
✔
158K subscribers
8.05K photos
374 videos
71 links
ነጻነት ለህዝባችን - ብልጽግና ለአገራችን!

Bilisummaan uummata keenyaaf - badhaadhinni biyya keenyaaf!

Freedom to our People – Prosperity to our Nation!
Download Telegram
ከሳምንታት በፊት የተደረገው 'ማዕድ እናጋራ' የሚለውን ጥሪ ሰምተው ምግብ ብቻ ሳይሆን በቀን ሥራ የሚተዳደሩና በ በ#COVID19 ምክንያት ተፅእኖ የደረሰባቸው እስከ 100 ለሚደርሱ ግለሰቦች መጠለያ የሚሰጡ የሁለት ወንድማማቾችን መልካም ሥራ ስሰማ በጣም ተደስቻለሁ ፡፡ እነዚህ ግለሰቦች ራሳቸው የቤት ባለቤቶች ሳይሆኑ ተከራይተው የሚኖሩበትን ቤትና ምግባቸውን ከማካፈል በተጨማሪ ሕይወታቸውን ለችግረኞች ከፍተዋል ፡፡ የእነሱ እንቅስቃሴ በእውነቱ ልብን በፍስሐ የሚሞላ ነው። እናም ሁለቱ ወንድማማቾች እና ሌሎችም ገሐድ ሳይወጡ ደግነትና እና መልካም ሥራ የየዕለት ተግባራቸው የሆነ ግለሰቦች መኖረ ኅብረተሰባችንን አንድ የሚያደርግ ጠንካራ ሙጫ ነው፡፡ እኛ የእያንዳንዳችን ጠባቂዎች ነን!


Waamicha 'Soorata Walii Qooduu' torbeewwan muraasa dura darbeef deebii kennuudhaan obbolaan lama soorata qofaa utuu hin ta'iin namoota 100 ta'an hojii humnaatiin jiraataniifi sabab #COVID-19n jiruun isaanii midhameef bakka jiraatan qopheessuu isaanii dhagahee baay'ee keessi koo tuqame. Obbolaan kunneen manichi utuu kan isaaniillee hin ta'iin mana kireeffatan keessatti balabala isaanii fi jireenya isanii warra rakkataniif bananii soorataafi mana isaanii qoodaniiruufi. Gochi isaanii dhugumaan kan garaa nama qabbaneessudha. ......

https://www.facebook.com/PMAbiyAhmedAli/
ኢትዮጵያውያን ወገኖቻቸውን ለመደገፍ አብረው መሰብሰባቸው የሚደነቅ ብቻም ሳይሆን ብሄራዊ አገልግሎትም ነው፡፡ ዓለምአቀፍ ትብብር ለኢትዮጵያውያን መብት በውጭ ሀገር የሚኖሩ ኢትዮጵያውያንን በማስተባበር 11.5 ሚሊዮን ብር የሚያወጡ የግል መከላከያ መሳሪያዎችን ፣ የፊት መሸፈኛ ጭምብሎችን እና ሌሎች አቅርቦቶችን ስላበረከቱ አድናቆቴን መግለፅ እወዳለሁ ፡፡

Itoophiyaanonni lammii isaanii Itoophiyaa deeggaruuf walgahuun dinqisiisaa qofa utuu hin ta'iin gocha tajaajila biyyaalessati. Dhaabbanni Walta'iinsa Idiladdunyaa Mirgoota Itoohiyaanotaatiif, Itoophiyaanota biyya alaa jiraatan qindeessuudhaan meeshaalee dhuunfaa tuttuqaa ittisan, haguugduu fuulaafi kanbiroo birrii miliyoona 11.5 baasan arjoomuu isaatiif dinqisifannaa koo ibsuufiin barbaada.

//
* በአካል ተራርቀን፤ ንጽሕና ጠብቀን፣ እርስ በርስ ተረዳድተን- ኢትዮጵያን ከኮሮና እንታደግ *
* Qaamaan gargar fagaannee, qulqullina eegnee, waliikeenya walgargaarree, Itoophiyaa Koroonaa irraa haa baraarru! *

https://www.facebook.com/PMAbiyAhmedAli/
ኢትዮጵያ ኮቪድ19ን ለመከላከል የምታደርገውን ጥረት ለመደገፍ፣ የመመርመሪያ ኪቶችን የላኩልንን የቴንሴንት ፋውንዴሽኑን ማ ሁዋንቴንግን አመሰግናለሁ። እንዲህ ያሉት የአጋርነት ሥራዎች፣ ኢትዮጵያ ቫይረሱን የመመርመር አቅሟን እንድታጠናክር የሚያግዙ ናቸው።

Faawondeeshiniin Ma Huwanteengi Tensent kiitota qorannaa dhiyeessuudhaan tattaaffi #Itoophiyaan #COVID-19 ittisuuf gootu deeggaruu keessaniif isinin galateeffadha. Hojiin michoomaa akkasii Itoophiyaan humna qorachuu ishee akka bal'iftuuf murteessaadha.
//
* በአካል ተራርቀን፤ ንጽሕና ጠብቀን፣ እርስ በርስ ተረዳድተን- ኢትዮጵያን ከኮሮና እንታደግ *

* Qaamaan gargar fagaannee, qulqullina eegnee, waliikeenya walgargaarree, Itoophiyaa Koroonaa irraa haa baraarru! *

https://www.facebook.com/PMAbiyAhmedAli/
ከወንድሜ ከጠቅላይ ሚኒስትር አብደላ ሐምዶክ ጋር በኢንተርኔት ውይይት አካሂደናል። የኢትዮጵያ የውጪ ጉዳይ ሚኒስትር እና የውኃ፣ መስኖ እና ኢነርጂ ሚኒስትርም በውይይቱ ተሳትፈዋል። ታላቁን የሕዳሴ ግድብ በተመለከተ ለሁሉም አካላት በሚስማማ መፍትሔ ላይ መክረናል። የተሳሳተ ግንዛቤ የነበረባቸውን ጉዳዮች አጥርተን ተነጋግረናል። በውኃ ሚኒስትሮቻችን አማካኝነት የቴክኒክ ውይይቶችን ለመቀጠል እና ያልተቋጩ ጉዳዮችን አጠናቅቀን ሁሉም ተጠቃሚ የሚሆንበትን መንገድ ለመቀየስ ተስማምተናል። የሕዳሴው ግድብ ለሁሉም ሀገራት የኢኮኖሚ ጠቀሜታ እንዳለው እና በመተባበር ዕድሉን ልንጠቀምበት እንደሚያስፈልግ በአጽንዖት አስረድቻለሁ።

Obboleessa koo Ministira Muummee Abdallaa Hamdook waliin intarneetiidhaan marii'anneerra. Ministiroonni Dhimma Alaafi Bishaaniifi Inarjii Itoophiyaas maricha irratti hirmaataniiru. Hidha Haaromsaa ilaalchisee furmaata qaama hundumaaf tolu irratti walmarii'anneerra. Dhimmoota hubannoo dogoggoraa turan irrattis waliigalchinee dubbanneerra. Karaa ministiroota bishaanii keenyaan marii teekniikaa itti fufuufi dhimmoota hin xumuramne xumurree haala itti hundumtuu fayyadamaa ta'u faluuf waliigalleerra......


https://www.facebook.com/PMAbiyAhmedAli/
በኮቪድ19 ወቅት፣ የፈጠራ ሥራን ለመሥራት የቀረበውን ጥሪ ተቀብለው፣ ብዙዎች ጠቃሚ ሐሳቦችን እያፈለቁ ይገኛሉ። ቀደም ብሎ በነበረን ውይይት፣ ጃክ ማ ተጽዕኖ አሳዳሪ የፈጠራ ሥራ ባለቤቶችን ለመደገፍ ታስቦ ስለ ተዘጋጀው የአፍሪካን የቢዝነስ ጀግኖች ( www.africabusinessheroes.org/en/ ) ነግረውኛል። በፈጠራ ሥራ የተሠማራችሁ ኢትዮጵያውያን በመሉ የድረ ገጹን መረጃ አንብባችሁ በማመልከት፣ በቀጣና ደረጃ የውድድሩ ተሳታፊ እንድትሆኑ አበረታታለሁ።

Yeroo #COVID -19 kanatti hojii kalaqaa jajjabeessuuf waamicha taasifamee tureef deebii kennuudhaan, namoonni hedduun yaadota fayyadan burqisiisaa jiru. Maree duraan tureen karaa Jack Ma namoota abbaa kalaqaa dhiibbaa uuman deeggaruuf yaadamee gootota biznasii Afrikaa ( www.africabusinessheroes.org/en/ ) qophaa'eera. Itoophiyaanonni hojii kalaquu irratt bobbaatan odeeffanno marsariitichaa dubbisuudhaan hirmaattanii akka naannootti akka dorgomtan isinan jajjabeessa.

* በአካል ተራርቀን፤ ንጽሕና ጠብቀን፣ እርስ በርስ ተረዳድተን- ኢትዮጵያን ከኮሮና እንታደግ *

* Qaamaan gargar fagaannee, qulqullina eegnee, waliikeenya walgargaarree, Itoophiyaa Koroonaa irraa haa baraarru! *

https://www.facebook.com/PMAbiyAhmedAli/
የረመዳን ጾም ከማብቃቱ በፊት መልካም የዒድ በዓል እንዲሆንላቸው በመመኘት ዛሬ ሶርያውያን ስደተኞችን ጎብኝቻለሁ። ሶርያውያኑ አስከፊውን ግጭት በማምለጥ መኖሪያቸውን በኢትዮጵያ ያደረጉ ሲሆን፣ የረመዳንን ማብቂያ በክብር ማሳለፍ ይገባቸዋል። ኢትዮጵያ ከፍተኛ ቁጥር ያላቸውን ስደተኞች ከሚቀበሉ ሀገራት መካከል እንደ ሆነች ይታወቃል። ሀገራችን በጦርነት ምክንያት ኑሯቸው ለተናጋባቸው ሰዎች ከለላ ለመስጠት ትሠራለች።

Soomni Ramadaanaa xumuramuu isaatiin dura Iida gaarii hawwuufiif har'a koolugaltoota Sooriyaa daawwadheera. Sooriyaanonni kunneen walitti bu'iinsa hamaa sana baqatanii Itoophiyaa turuuf kan dhufan yoo ta'an, xumura Ramadaanaa ulfinaan dabarsuu qabu. Itoophiyaan biyyoota koolugaltoota hedduminaan simatan keessaa tokko ta'uun ishii kan beekamudha. Biyyi keenya namoota sababa waraanaatiin jireenyi isaanii jalaa uggurameef dawoo ni kenniti.

* በአካል ተራርቀን፤ ንጽሕና ጠብቀን፣ እርስ በርስ ተረዳድተን- ኢትዮጵያን ከኮሮና እንታደግ *

* Qaamaan gargar fagaannee, qulqullina eegnee, waliikeenya walgargaarree, Itoophiyaa Koroonaa irraa haa baraarru! *

https://www.facebook.com/PMAbiyAhmedAli/